MM Abiy irra deebi'anii filatamuu isaanii hordofee haasaa taasisuu kan eegalan, uummata miliyoona 54 ol ta'an Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa irratti sagalee kennan galateeffachuun ture.Haala nageenyaa rakkisaa ta'e keessatti murannoodhaan sagalee kennuu isaanii eeruunis uummata galateeffataniiru.Waggoota shanan darban keessatti misooma mootummaan isaanii milkeesseefi qormaata isaan keessa darbanis himaniiru.