Kantiibaa Adaanech Abeebeen Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Ministira Muummee FDRI ta’uun irra deebiin filatamuu hordofee Kantiibaa Adaanech Abeebeen erga baga gammaddanii dabarsaniiru.Ummattoota Itiyoophiyaa nageenyaa fi misooma jaallattan hundi baga gammaddan jedhan.Har’i guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane guyyaa abdii, injifannoo fi Itiyoophiyaa qoroomte ijaaruuf boqonnaa jalqabaa ta’uu dubbatan.Qormaatilee hedduu cichoominan, carraaqqii waloo fi tokkummaa cimaan darbuun imala badhaadhina haaraa kan itti eegalame akka ta’e eeran.Hoggansa cimaa Ministira Muummee jalatti, nagaa, birmadummaa, haqa qabeessummaa fi badhaadhina guutuu biyya keenyaaf tokkummaan haa dhaabbannu; haa tumsiinu; ciminaan haa hojjennu! Jechuun dhaaman.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda