Qormaatilee hunda injifannoon bahuuf qophoofneerra – Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeessaa jiruun Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee FDRI taasisuun moggaaseera.Irra deebiin kan filataman Dooktar Abiy Ahimad waggoottan shanan ittaanan Ministira Muummee FDRI ta’uun tajaajiluuf mana marichaa fuulduratti sirna kakuu raawwataniiru.Hawaasa baniinsa mana marichaarratti taasisaniin yeroo haalli qubsama siyaasaa saffisaan jijjiiramaa jiru kanatti murannoon qormaatilee hunda injifannoon bahuuf akkaan qophoofneerra.Gaabbiin ka’umsa malee ga’umsaa miti, gaabbiin sirna akka dhalu murannoo fi ogummaan hojjechuun murteessadha.Haala qabatama jiru hubachuun sirna Itiyoophiyaaf fayyadu ijaaruuf xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan.Yaadama rakkoo Itiyoophiyaa furuu danda’u qoranneerra.Kan Itiyoophiyaa fakkaatu rakkoolee Itiyoophiyaa bu’uurarraa hiikuu danda’u yaadama Ida’amuu qopheessineessa jechuun dubbatan.Daandiin Ida’amuu rakkoolee Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisu qaroomina haaraa mandhalee ta’uu eeran.Yaaliin yaadamoota adda nu qoqqoodan kan nu tokkummeessaniin bakka buusuu taasifame milkaa’eera jedhan.Kanaanis rakkoolee kamiiyyuu injifannoon bahuuf qophoofneerra jechuun dubbatan.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda