Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Addunyaa ammayyaa keessatti dorgommiin dinagdee fi qubsamni siyaasaa jabina biyyootaa fi dhiibbaa naannawaa irratti qaban humna waraanaa qofaan kan murtaa’u miti.Caasaa dinagdee cimaa qabaachuu, of danda’uu, akkasumas teeknooloojii irratti qophummaa gahaa qabaachuun murteessaadha.Itiyoophiyaanis waggoota darban ce’umsa Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaarratti xiyyeeffachuun badhaadhina hundagaleessa, birmadummaa fi olka’iinsa biyyaa mirkaneessuuf hojjetaa jirti.Diinagdee akka humna biyyaalessaatti fayyadamaa jiraachuu isheef Piroojektoonni jajjaboon hojjettee fi yeroo ammaa hojjetaa jirtu agarsiiftuudha.Mootummaan jijjiirama Pirojektoota gurguddoo waggootaaf harkifachaa turan yeroo gabaabaa keessatti xumuruu danda’eera.Pirojektiin gaazii uumamaa fi warshaa xaa’oo, kan Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo kana ifa goote, biyyattiin qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun gara sadarkaa haaraa indaastirii fi qonnaatti ce’aa jiraachuu kan agarsiiseedha.Dabalataan Damee Aviiyeeshiniin hojiin hojjetamaa jiru Itiyoophiyaarra darbee Afrikaa maqaa waamsisaa jira.Keessattuu Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuutti ijaaramaa jiru dandeettii Itiyoophiyaan amma irra jirtuuf mul’istuudha.Milkaa’innoonni damee qonnaa argaman birmadummaa fi kabaja biyyaa olkaasaniiru.Paarkiiwwan Indaastirii Invastimantii alaa caalmaatti hawwachuu, ce’umsa teeknooloojii fiduu fi oomishaalee al ergii guddisuun sharafa alaa dabaleera.Akkasuma carraa hojii bal’aa uumeera.Sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa sirnaakkoo keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.Hanga ammaatti Itiyoophiyaan biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuun seenaa hojjetteetti.Itiyoophiyaan sirna diijitaalaa saffisa olaanaan guddachaa jirurraa fayyadamuufis hojiilee hedduu hojjechaa jirti.Damichaan humna namaa beekumsaafi ogummaa gonfate horachuuf hojiilee bal’aan hojjetamaniiru.Sagantaa leenjii Koodaroota miiliyoona 5 akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.Misooma teeknooloojii hubannoo namtolchee irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.Yeroo dhiyootti Yuuniivarsiitiin hubannoo namtolchee hojii ni eegala.Magaaloonni Bu’uuraalee misooma Turizimii guuttachuun Fakkeenya Qulqullinaafi Miidhagina Afrikaa taa’aa jiru.Koriidaroonni magaalaa guddina magaalaa dabaluu qofa osoo hin taane, halluu fi bifa ammayyaa magaalootaaf kennuun sadarkaa idil-addunyaatti akka dorgomtu taasisu.Qulqullina, magariisummaa, ibsaa ammayyaa fi ijaarsa aartii adda addaan faayamaniin dhiyeessuun magaalaa tokko iddoo hawwataa fi qulqulluu taasisa.Bakkeewwan kunniin turistonni idil-addunyaa akka magaalota daawwataniif hawwata guddaa uumuun, tajaajila hooteelaa, aartii fi bakka bashannanaa adda addaan dabaalamuun galii turizimii irraa argamu guddisuun biyyaaf bu’aa olaanaa qabu.Yaada ida’amuun hojiin bu’uuraalee misoomaa, qonna, Teeknooloojii, Turizimii fi eegumsa naannorratti hojjetaman bu’aa olaanaa galmeessaniiru.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa