Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) – Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun bu’aalee hedduu argamsiisa jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen. Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaa waaraan kabachiisuun fageessanii yaaduufi ilaalcha tarsiimawaa gabbisuu barbaachisa jedhan. Egeree raaguufi biyya guddisuuf ilaalchota tarsiimawaa gabbisuun murteessaa ta’uus kaasaniiru. Yaadota akka kanaa hordofuun injifannoo fi milkaa’ina gama maraa biyyattiin galmeessistuuf faayidaa hedduu qabaachuu ibsaniiru. #MootummaaIda’amuu