Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC)– Godina Giddu Galeessa Oromiyaa Aanaa Daawoo Magaalaa Buusaatti Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii miiliyoona 100 fi Miiliyoona 50’n ijaarame eebbifameera.Pirojektichi deeggarsa dhaabbata ‘Menshin for Menshin’ hirmaannaa mootummaa fi hawaasaan kan ijaarameedha.Pirojektichi hawaasa kuma 47 ol ta’uuf bishaan dhugaatii qulqulluu fi gahaa kan dhiyeessuudha.Rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa Magaalaa Buusaafi naannawashee guutummaatti fura jedhamee kan amanamu ta’uun eerameera.Hoggantuun Biiroo Bishaanii Oromiyaa Injinar Maariyaa Guutamaa, sirna eebbaa irratti haasawaa taasisaniin, bishaan qulqulluun fayyaa, qulqullina, kabaja ilma namaa fi misooma hawaasaa waliin walitti dhufeenya cimaa qaba jedhan.Mootummaan Naannoo Oromiyaa bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaa fi itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.Kaayyoon mootummaa pirojektoota bishaanii ijaaruu qofa osoo hin taane, hawaasni bishaan qulqulluu argatee fayyaa fi jireenyi isaa akka fooyya’u, akkasumas bu’uuraaleen bishaanii ijaaraman sirnaan kunuunfamuun tajaajilichi dhaloota dhufuufis akka itti fufuuf ta’uu eeruu isaanii Biiroon Bishaanii Oromiyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.Hawaasni Magaalaa Buusaa fi naannawa ishee gamasaaniin, pirojektichi rakkoo bishaan dhugaatii isaan mudataa ture furuun jireenya isaanii keessatti jijjiirama guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru.#MootummaaIda’amuu.