Taateewwan Idil addunyaa, Ardii fi Biyyaalessaa gaggeeffaman milkaa’inaan xumuruuf qophiin taasifame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC) -Taateewwan gurguddoo idil addunyaa, sadarkaa ardii fi biyyaalessaa fuulduraatti Itiyoophiyaatti gaggeeffaman milkaa’inaan xumuruuf qophiin gahaan taasifameera jedhe Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa.Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa taateewwan kunneen milkaa’inaan akka xumuramaniif qophiilee taasifaman irratti marii gaggeesseera.Ajajaa Olaanaan komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, fiigicha daandiirraa idil addunyaa 26ffaa boru Finfinneetti gaggeeffamuuf poolisiin qophii xumuree hojiitti seenuu ibsaniiru.Konfiransiin Fayyaa Uummata Afrikaa Idil addunyaa 5ffaa Sadaasa 14 ,2019 irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffamuuf, hojiiwwan nageenya eeguu fi seera tiraafikaa kabachiisuu irratti hojjetaman qindoominaa fi naamusa cimaan hogganamuu akka qaban hubachiisaniiru.Kana malees, kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaa, Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa, akkasumas yaa’iiwwan idil addunyaa, ardii fi biyyaalessaa gurguddoo biroo gara fuulduraatti gaggeeffaman milkaa’inaan xumuruuf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa karoora nageenyaa baase hojiirra akka oolchu ibsuun, hawaasnis tumsa yeroo hunda taasisu akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa