Itiyoophiyaan waggoota darban keessa dhiyeessii qorichaalee biyya keessaa guddisuu dandeesse – Ministeera Fayyaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan waggoota darban keessa hojiilee hojjetteen dhiyeessii qorichaalee biyya keessaa guddisuu dandeesse jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.Yaa’iin Cancala Dhiyeessii Galteewwan Yaalaa Idil Addunyaa 19ffaa magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.Itiyoophiyaan damee fayyaan hojiilee milkaa’aa raawwachaa jiraachuu kan dubbatan Dooktar Maqdas,uwwisa bu’uuraalee misooma fayyaa guddisuu, meeshaalee yaala fayyaa, dhiyeessii qorichaalee fi dandeettii ogeeyyii yaala fayyaa fooyyessuurratti hojiilee jajjabeessan hojjetamuu eeran.Kenniinsa Tajaajila fayyaa ammayyeessuuf, itti fayyadama teeknooloojii guddisuu fi tajaajila fayyaa dhaqqabamaa taasisuun, damicha guddisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu himan.Kanaanis, Itoophiyaan waggoota afran keessatti dhiyeessii qorichaa biyya keessaa % 8 irraa gara % 44tti ol guddisuu akka dandeesse ibsuun, kunis carraaqqii Afrikaan bara 2040tti fedhii qorichaa % 60 humna ofiin guutuuf taasistuuf bu’uura ta’a jedhan.Yaa’ichi hojiiwwan qindoominaan raawwataman cimsuu fi muuxannoo waljijjiiruuf gumaacha guddaa qabaachuu eeruu ENA’n gabaaseera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa