Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Tapha Gulaallii Waancaa Afrikaa umrii waggaa 23 gadiin har’a Gareen Itiyoophiyaa gita isaa Moorookoo waliin taphata.Taphni deebii har’a waaree boodaa sa’aatii 12:30 eegalee Moorookoo Istaadiyeemii Al Hasan Moolaayitti taasifamu kun akkaan eegama.Tapha torbee darbe Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirre Dhawaatti taphatameen Moorookoon galchii 1 fi 0’n Itiyoophiyaa injifachuun kan yaadatamuudha.Tapha deebii kanaan Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha galchii 1 fi 0’n injifatame irra aanuun qabxii ida’amaan caaluu yoo danda’e, Waancaa Afrikaa Umrii waggaa 23 gadii bara 2027 Ijipti qopheessituuf gulaallii 3ffaa fi marsaa dhumaaf kan darbu ta’a.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa