Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT erga hundeeffamee jalqabee, boodarras mootummaa ta’ee biyya yeroo bulchaa ture, akkasumas erga aangoorraa ka’ee as hojii misoomaa jireenya uummataa jijjiiru tokkollee hin hojjenne.Gareen kun qabeenya uummata Itiyoophiyaa hundaa fi kan uummata Tigraay jalaa saamaa, faayidaa dhuunfaa namoota muraasaatiif hojjechaa tureeraDhaabbanni ‘Efeert’ jedhamu maqaa ummata Tigraayi deebisanii dhaabuuf jedhamee hundeeffame illee, meeshaa dhuunfaa namoota muraasaa qofa akka ture hoggantoonni olaanoo garichaa duraanii ragaa bahaniiru.Dhaabbatichi uummata Tigraayif waan fayyade tokkollee hin qabu ture.Rakkoo bishaanii magaalaa Maqalee illee furuu akka hin dandeenyee fi garee misooma hin barbaadne ta’uu isaa kan agarsiisudha.Ammas miseensonni garee seeraan alaa ABUT qabeenya albuudaa naannichaa saamaa, biyyoota alaatti gamoowwan ijaarrachaa, ijoollee fi maatii isaanii biyya alaatti barsiisaa jiru.Uummanni naannichaa kan waraanaan miidhame garuu miidhamni qaamaa fi hiyyummaan dararamaa akka jiran Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita tokko ibsaniiru.Gareen seeraan alaa kun misooma naannichaafis ta’ee uummata Tigraayif dantaa dhabuun isaa osoo bosona jiraniiyyuu kan beekamudha.Deeggarsa namooma lammiilee hongeen miidhamaniif dhiyaate waraanaaf oolcheera.Ammas deddeebisanii waraana banuun uummatni akka dhumu taasisuun, midhaan deeggarsaaf dhiyaatu meeshaa waraanaan bitaa ture.Kan tibbana uumame ilaalchisee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, uummanni hongee cimaa keessa osoo jiruu, naannichatti waraana labsuun, karaa cufuu fi tajaajila xiyyaaraa dhaabuun uummata gara dararama lammaffaatti geessuuf hojjechaa akka turan ibsanii turan.Waggoottan 8’n darban keessatti gareen kun dibbee waraanaa rukutuu malee Tigraay keessatti hojii misoomaa tokkollee kan hin gaggeessine yoo ta’u, qophii waraanaa qofa irratti xiyyeeffate ture.Yeroo misoomni koriidarii guutuu Itiyoophiyaatti babal’achaa jiru kanatti, gareen kun naannoo Tigraay keessatti misooma koriidarii kiilomeetira tokko illee hojjechuuf fedhii hin agarsiisne.Gareen seeraan alaa ABUT Tigraay keessatti dhaloonni bakka bu’u akka hin dhalanne carraaqqii guddaa godheera; isaan boodas Tigraay akka hin jiraanneef hojjetaniiru kan jedhan Ministirri Muummee; “ani ergaan du’e booda Tigraay hin jirtu” jedhanii yaadanis hin milkoofneef jedhan.Yeroo ammaa kana naannichatti qilleensa nagaa bubbisuu kan eegale yoo ta’u, tajaajiloonni mootummaa guutummaatti gara hojiitti deebi’aa jiru.Hojii misoomaa fi nageenyaa kana cimsanii itti fufuun fayyadamummaa uummata naannichaa mirkaneessuuf, uummanni Tigraay akkasumas Itiyoophiyaanonni hundi tokkummaan dhaabbachuu qabuTeediroos Saahileetiin.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa