Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Fayyaan hawaasaa dhimma biyyoonni dhuunfaatti ilaalan osoo hin taane, dhimma bu’uuraa daangaa ce’aa tumsa waliinii, beekumsa saayinsii fi tarkaanfii qindaa’aa gaafata.Weereroota ittisuu, tajaajila fayyaa babal’isuu, dhiyeessii qorichaalee fi talaallii mirkaneessuu, akkasumas dandeettii sirna fayyaa rakkoolee dandamachuu cimsuun xiyyeeffannoowwan biyyoonni waliin qabanidha.Kaayyoo waliinii kana galmaan ga’uuf kan gargaaru, waltajjii muuxannoo, beekumsaa fi furmaatawwan qooddachuuf ta’u, Konfiraansiin Fayyaa hawaasaa Afrikaa idil-addunyaa 5ffaan (CPHIA 2026), Sadaasa 14 -18, 2019 Finfinneetti ni gaggeeffama.Konfiraansicha Mootummaa Itiyoophiyaa fi Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (Africa CDC) waliin kan qopheessan yoo ta’u, hirmaattonni kumni 30 ol irratti hirmaatuun eegama.Konfiraansiin kunis Afrikaaan damee fayyaatiin deeggarsaafi dhiyeessii alaa irraa bilisoomuun, qabeenya, beekumsa, teeknooloojii fi dandeettii oomishaa mataa isheetiin fayyadamuun sirna fayyaa ummata ishee ittiin eegdu akka ijaarrattu ni jajjabeessa.Konfiraansichi hambaalee seenaa, duudhaalee aadaa, hawwata uumamaa fi hojiiwwan misooma magaalaa addunyaatti beeksisuuf waltajjii carraa guddaa qabuudha.Hirmaattonni konfiraansichaa turtii Itiyoophiyaatti qabaataniin, bakkeewwan hawwata tuurizimii fi giddugalawwan idil-addunyaa qabaachuu ishee beeksisuuf gumaacha ni taasisa.Invastaroota damee fayyaa, oomishtoota qorichaa, dhaabbilee teeknooloojii fi wiirtuuwwan qorannoo waltajjii tokko irratti walitti fiduun, dameewwan misooma indaastirii fayyaa, oomisha qorichaa, teeknooloojii yaalaa fi carraawwan tumsaa haaraafi uumuuf gahee qaba.Finfinneen Konfiraansicha keessummeessuun, Afrikaa dandeettii ofii isheetiin egeree fayyaa ishee murteessuuf imala waliinii taasistu cimsuuf carraa guddaa dha.Mihiraat Dammisseetiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa