Seenaa misoomaan itti fufsiisuu, ashaaraa dhalootaaf dabarsuu – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Magaalaan kan ijaaramu daandii fi gamoowwan ijaaruu qofanii miti,namoota seenaa hojjetanii fi biyyaaf oolmaa oolan kabajaan yaadachuu fi seenaa isaanii dhalootaaf dabarsuuni jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Naannawaa Istaadiyeemii Adey Ababaatti guddina Ispoortii Itiyoophiyaa fi Afrikaaf ashaaraa olaanaa kan qaban siidaa Yidinaqaachaw Tasammaa ijaaruun yaadama kanarraa kan madde jedhan.Yidinaqaachaw Tasammaan abbaa Kubbaa Miilaa Afrikaati jechuun ibsan.Akkasumas namoota biyyaafii dhalootaaf gumaacha olaanaa qaban yaadachuun, seenaa misooma har’aa waliin walitti hidhuun dhaloota boruuf kaka’umsa uumuu ta’uu ibsan.Misoomni har’a magaalaa ijaaruu qofa miti, seenaa boruus barreessudha jedhan.Seenaa kabajaa, eenyummaa cimsaa, ashaaraa dhalootaaf dabarsuu itti fufna jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.