Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota hirmaachisuun hojjetamaa jira jedhan Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Galatoo Tukee .Godina Kibbaa Bahaa Oromiyaa Aanaa Kofaleetti Manni Barumsaa Waabee Gafarsaa Sadarkaa 1ffaa deeggarsa Dhaabbata dhuunfaa fi hirmaannaa hawaasaan Birrii miiliyoonaa 38 oliin ijaarame eebbifameera.Sagantaa eebba mana barumsichaarratti kan argaman Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Galatoo Tukee, naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachisuun dhaqqabummaa barnootaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun, Ijaarsi kutaalee dabalataa Kunneen haala baruuf barsiisuu ni fooyyessa jedhan.Jiraattonni Aanaa Kofalee Gandaa Waabee kanaan dura Manni Barumsaa sadarkaa isaa eeggate jiraachuu dhabuun ijoollee isaanii barsiifachuuf rakkataa akka turan himan.Mannii Barumsaa Kun ijaaramuun rakkoo kanaan dura turee furuun abdii nutti horeera jechuun ibsaniiru.Kululaa Garbichaatu gabaase.