Faayinaansiin Jijjiirama qabeenya qilleensaa dursa biyyoota guddachaa jiraniif kennamuu qaba – Dooktar Geediyoon Ximootiwoos

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Faayinaansiin jijjiirama qabeenya qilleensaa dursa akkaataa fedhii biyyoota guddachaa jiranii guutuun dhiyaachuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP-32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.Yaa’ii COP31 irratti mariin sadarkaa olaanaa, mata duree “Karoora irraa gara hojiitti: Dhaabbata Addunyaa Eegumsa Naannoo, Fandii biyyoota sadarkaa guddinaa gadi aanaa iIrra Jiran fi Fandii Addaa Jijjiirama Qilleensaa Fayyadamuun Deeggarsa Faayinaansii Walitti Qabuu” jedhuun gaggeeffameera.Dooktar Geediyoon wayita kana akka ibsanitti, biyyoota guddachaa jiraniif deeggarsi maallaqaa fi teeknooloojii argachuu danda’uun karoora biyyaalessaa gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf murteessaadha.Faayinaansiin jijjiirama qilleensaa hamma barbaachisu, karaa salphaa fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas fedhiiwwan biyyoonni guddachaa jiranii dursa qaban deebisuu danda’uun dhiyaachuu akka qabu eeraniiru.Bakka qabeenyi gahaan hin jirretti hojiiwwan karoorfaman gara hojiitti hiikuun ni harkifata, saaxilamummaan rakkoolee jijjiirama qilleensaaf qabaniis ni hammaatu, akkasumas amantiin tattaaffii waliinii irratti qaban kan laafu ta’uu ibsaniiru.Dabalataanis, deeggarsa maatii Dhaabbata Addunyaa Eegumsa Naannoo (GEF) dabalatee, Fandii Biyyoota sadarkaa guddinaa gadi aanaa irra jiraniifi fandii addaa Jijjiirama Qilleensaa cimsuuf tattaaffiin qabeenya walitti qabuu eegalamuu dinqisiifataniiru.Itiyoophiyaan Yaa’ii COP32 magaalaa Finfinneetti keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu kanatti, michoota ishee hunda waliin hojjechuuf qophii ta’uu Dooktar Geediyoon mirkaneessaniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa