Fooyyeessiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaa giddugala daldalaa fi Invastimantii taasisaa jira- Dooktar Fitsuum Asaffaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC)- Fooyyeessiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaa giddugala Daldalaa fi Invastimantii taasisaa jira jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisiftuu Olaantuun COP 32 Dooktar Fitsuum Asaffaa, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa jila Kaawunsilii Hariiroo Alaa Ameerikaa waliin mari’ataniiru.Marii isaaniin fooyyeessii diinagdee gooroo, filannoowwan invasmantii, Dameelee siyaasaa fi diingadee naannawicharratti kan xiyyeeffatedha.Marichi dureewwan dhaabbilee Ameerikaa, gorsitoota Invastimantii fi Abbootii qabeenyaa kan of keessatti hammateedha.Dooktar Fitsuum maricha ilaalchiisee yaada kennaniin, jilichi qophii fi filannoowwan invastimantii Itiyoophiyaa ilaaluuf dhufuu ibsaniiru.Kunis hojiilee riifoormii Itiyoophiyaan waggottan saddeettan darban hojjette fedhii uumaa jiraachuu agarsiiftuudha jedhan.Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi gamasaaniin, jilli Kaawunsilii Hariiroo Alaa Ameerikaa nsmoot yeroo garaagaraatti  dhaabbilee AmeerikaaHogganaan kan of keessaa qabuudha jedhan.Pireezidaantiin Kaawunsilichaa fi dursaan jillichaa Maayikiil Faroomaan akka ibsanitti, Daldalli filannoon invastimantii Itiyoophiyaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf marii bu’aa qabeessa ta’uu ibsuu isaanii ENA’ gabaaseera.