Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) –Itiyoophiyaan annisaa haaromfamaa meeggaa waattii Kuma 60 maddisiisuuf kan dandeessisu qabeenyaa uumamaa qabdi.Bara 2030tti humna elektirikaa meeggaa waattii Kuma 15 maddisiisuuf karoorfattee hojjetaa jiriti.Dhiyeessiin anniisaa guddina dinagdee, ce’umsa indaastirii, babal’ina teeknoloojiifi badhaadhina uummataa keessatti gahee murteessaa qaba.Itiyoophiyaanis dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa anniisaa amansiisoofi itti fufiinsa qaban diriirsaa jirti.Anniisaa bishaanii, qilleensaa, aduufi hurkaa misoomsurratti argamti.Ummanni Itiyoophiyaa % 80 ol baadiyyaa keessa jirtu.Naannawaa kannneeniif sarara Elekiriraa diriirsuun baasii hedduu gaafata.Kanaaf Itiyoophiyaan Anniisaa Aduu olaanaa qabdu fayyadamuun furmaata waaraa ta’uu hubachuun hojjetaa jirti.Mootummaan Itiyoophiyaa Sagantaa Biyyaalessaa Dhaqqabummaa Elektirikii (National Electrification Program) fayyadamuun, uummata sarara elektirikii ijoo irraa fagaatanii argaman anniisaa haaromfamuu danda’u akka fayyadaman taasisuuf karoorfatee, pirojektoota hedduu raawwachaa jira.Maddi anniisaa aduu Gaad-2 naannoo Somaalee keessatti ijaaramuuf jiru, akkasumas Waraansoo naannoo Affaar keessatti ijaaramuuf jiru, pirojektoota gurguddoo xiyyeeffannoo mootummaan damee kanaaf kenne agarsiiftuudha.Itiyoophiyaa keessatti dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoon kanneen akka ‘Toyo, Origin fi Lumintech, oomisha seelii fi paanaalii anniisaa aduu bal’inaan gabaa biyya keessaa fi daldala alaaf dhiyeessan, Paarkiiwwan Indaastirii Hawaasaa keessatti oomisha irratti bobba’anii jiru.Kana malees, dhaabbileen xixiqqoon hedduun paanaaliiwwan anniisaa aduu, ibsaa fi sirna anniisaa mana keessaa fedhii biyya keessaa guutuuf gargaaran walitti hidhuu fi oomishuu irratti hojjetaa jiru.Anniisaan aduu madda ifaa qofa osoo hin taane, dinagdee baadiyyaa kan dammaqsu, akkasumas dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruun galma badhaadhinaa milkeessuuf qabeenya guddaadha.Itiyoophiyaan anniisaa elektirikaa oomishaa jirtu fedhii biyya keessaa guutuuf qofa osoo hin taane, gara gabaa naannawaattis ceesisuun daldala alaa babal’isaa jirti.Yeroo ammaa humna elektirikaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatti gurgurachaa kan jirtu yoo ta’u, biyyoota Baha Afrikaa biroo waliin walitti hidhamiinsa humnaa cimsuufis tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jirti.Warraaqsi anniisaa Itiyoophiyaa keessa jiru ifa uumuu qofa osoo hin taane, bu’uura ce’umsa dinagdee, guddina indaastirii, babal’ina teeknooloojii fi badhaadhina uummataa mirkaneessaa jira.Itiyoophiyaan misooma annisaa haaromfamaa cimsitee itti fufuun hamma anniisaa Elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyeessitu dabaluuf hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsanii turan.Teediroos Saahileetiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa