Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa yaaddoo nageenyaa gahumsaan fashaleessuufi nageenya biyyaalessaa mirkaneessuuf qophiidha jedhan Ajajaan Olaanaan Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.Hoggantoonni tarsiimawaa Poolisii Federaalaa fi qondaaltonni poolisii olaanoon karoora nageenyaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa irratti mari’ataniiru.Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, dhaabbanni isaanii xiinsammuu miseensootaa ijaaruun, qophii yeroo maraa jabeessuu fi dandeettii hojii raawwachuu daran guddisuun, sirna heera mootummaa eeguuf itti gaafatamummaa isaa sadarkaa olaanaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.Itiyoophiyaan damee hundaan wayita guddina galmeessaa jirtuutti, qaamoleen nageenyaa fi guddina ishee hin barbaanne yaaddoo nageenyaa uumaniin walqabatee, aarsaa barbaachisaa kamiyyuu kaffaluun yaaddoo nageenyaa kana fashaleessuuf qophiidha jedhan.Waltajjicharratti ijaarsa xiinsammuu fi ilaalchaa miseensoota poolisii, akkasumas qophii yeroo hunda jiru irratti kan xiyyeeffate waraqaan qorannoo dhiyaachuun irratti mari’atamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.