Al-ergitoonni Itiyoophiyaafi Chaayinaa waliigalteewwan Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 40 mallatteessan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 13, 2018 (FMC)- Al-ergitoonni Itiyoophiyaafi Chaayinaa waliigalteewwan Kontiraataa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 40 ol mallatteessaniiru.Waltajjiin Daldala al-ergii Itiyoo-chaayinaa Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa fi Eembaasiin Chaayinaa waloon qopheessan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofee wayita kana waliigaltichi hojiilee beeksisaa galii daldala al-ergii Itiyoophiyaa guddisuuf Chaayinaatti gaggeessuuf dandeessisa jedhan.Waltajjicharratti waliigalteewwan 33 mallatteeffamuu ibsuun, galii Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 40 ol argamsiisu akka danda’an eeraniiru.Waliigaltichi gara gabaa Chaayinaatti seenuuf qaama inisheetiivii mootummaa Chaayinaan bocamee ta’uus kaasaniiru.Buna, midhaan zayitaa, midhaan dheedhii, gogaa, oomishaalee albuudaa fi huccuu irratti waliigalteerra gahamuufi bu’aa qabatamaan argamuus ibsaniiru.Waliigaltichi oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaa irratti kan beeksisuufi karoora dorgomtummaa isaanii guddisuuf qabame kan milkeessu ta’uu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.Itti aanaan Daayrektara Olaanaa Daldala Alaa Ministeera Daldalaa Chaayinaa Chaangi Hooy gamasaaniin, mootummaan Chaayinaa hariiroo daldalaafi diinagdee Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuuf akkasumas carraalee gabaa babal’isuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.Al-ergitoonni Chaayinaa oomishaalee Itiyoophiyaa qulqullina qaban baay’inaan bituufi riqicha daldalaa waaraa ijaaruuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.#Oromia #Ethiopia