Finfinnee, Hagayya 11, 2018 (FMC) – Yakka malaammaltummaa itti-fufiinsaan ittisuu fi itti-gaafatamummaa mirkaneessuuf hundi gahee isaa ba’achuu akka qabu Minisisteerri Haqaa hubachiise.Daayireektarri Yakka Malaammaltummaa ministeerichaa Obbo Misikkir Taarikuu akka jedhanitti, bara baajataa 2018 keessa galmeewwan yakka malaammaltummaa kumni 1 fi 600 ol qoratamuun himanni 300 ol banamaniiru.Kanaanis himatamtoonni 400 ol mana murtiitti dhiyaatanii akka adabaman gochuu eeranii, galmeewwan eeraman keessaa galmeen tokko himatamtoota 30 hanga 40 qabachuu akka danda’u dubbataniiru.Adeemsa kanaan dhimmoota yakka malaammaltummaa walxaxaa ta’an qorachuun murtee sirrii kennuun akka danda’ame daayirektarichi ibsaniiru.Galmeewwan qorataman keessaa 300 ol irratti hojiin himannaa banuu hojjetamuu kaasanii, yakka malaammaltummaa karaa seeraatiin adeemsa murtii keessa galchuuf hojiin akka hojjetame addeessaniiru.Kunis yakka malaammaltummaa seeraan to’achuu fi itti-gaafatamummaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatame akka ta’e akeekaniiru.Malaammaltummaa ittisuu fi to’achuun itti-gaafatamummaa qaamolee raawwachiiftuu qofaa akka hin taane eeranii, qaamni seera baastuu seera sirrii baasuun, qaamni seera hiiku ammoo seera sirriitti hiikuu fi raawwachiisuun qabsoo malaammaltummaa jabeessuu akka qaban hubachiisaniiru.Adeemsa yakka malaammaltummaa ittisuu, qorachuu fi itti-gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti dhaabbileen seeraa hundi xiyyeeffannaa fi itti-gaafatamummaa sirrii fudhatanii waliin hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.Yonaas Geetannatiin#Oromia #Ethiopia