Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) – Dandeettiin qorichootaafi meeshaalee yaala fayyaa oomishuu Itiyoophiyaa guddachaa jira jedhan Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.Konfiraansiin Federeeshinii Eegumsa Fayyaa Baha Afrikaa 13ffaa fi Agarsiisni Idil-addunyaa, mata-duree “Baha Afrikaatti diinagdee fayyaa dandamataa ijaaruu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka jedhanitti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomisha qorichaa, eegumsa naannoo fi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.Baha Afrikaatti dhaabbilee fayyaa cimaa ijaaruun murteessaa ta’uu eeruun, Afrikaa keessatti weerarawwan akka Iboolaa, nageenya fayyaa, akkasumas hanqinni maallaqaa fi teeknooloojii yaaddoo waliinii ta’uu dubbataniiru.Rakkoolee kana furuuf biyyoonni Afrikaa waliin hojjechuu akka qaban hubachiisanii, Itiyoophiyaan damee eegumsa fayyaa keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduu ibsaniiru.Itiyoophiyaan Afrikaa irraa sirna dhaabbata fayyaa hawaasaa guddaa ijaaruu kaasanii, teeknooloojii fayyaa, misooma qabeenya namaa fi safartuuwwan bu’uuraa fayyaa irratti fooyya’iinsi mul’achuu himaniiru.Sirni fayyaa dijitaalaa filannoo qofa osoo hin taane, Afrikaanonni ajandaa fayyaa biyyaalessaa isaanii keessaa tokko gochuu akka qabanis ibsaniiru.Kana malees, Itiyoophiyaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa sadarkaa 3ffaa argachuu eeruun, qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya keessatti oomishuun ajandaa ijoo biyyattii ta’uu dubbataniiru.Sirna eegumsa fayyaa Afrikaa keessatti gaheen damee dhuunfaa olaanaa ta’uu fi hirmaannaa damichaa cimsuuf haala mijataa fi sirna deeggaru uumuun akka barbaachisu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia