Mariin Biyyaalessaa aadaan siyaasaa haaraa akka uumamuuf balbala kan bane taatee seena qabeessa dha – TDP

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) – Mariin Biyyaalessaa aadaan siyaasaa haaraan akka uumamuuf balbala kan bane taatee seena qabeessa ta’uu Paartiin Diimokraatawaa Tigraay (TDP) ibse.Paartichi ibsa dhimma yeroo irratti kenneen, adeemsi marii kun madaa seenaa darbe fayyisuun nageenya waaraa fi misoomaaf karaa kan saaqe ta’uu ibseera.Sagalee fi fedhiin dhugaa uummata Tigraay waltajjii biyyaalessaa irratti akka dhaga’amuuf, adeemsa ajandaa walitti qabuu irraa eegalee Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin dhiyeenyaan hojjechaa turuu paartichi beeksiseera.Yeroo ammaa kanas bakka bu’oonni uummata Tigraay hawaasa keessaa filataman 300 ol adeemsa Marii Biyyaalessaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibseera.Paartichi, gareen seeraan alaa ABUT amma illee hojiiwwan waraanaa gaggeessaa jiru irraa kan ka’e, jireenya dargaggootaa fi abdii isaanii boruu irratti gufuu uumaa jiraachuu ibseera.Kanaafis, dhaloonni dargaggoon waraanaa fi haala badiisaa keessaa ofi baasuuf kallattii sirrii hordofuu akka qabu yaadachiiseera.Dabalataanis, dargaggoota Tigraay sodaa walitti bu’iinsaa irraa of baraaruuf gara Finfinnee fi naannolee biroo dhufanii rakkoo hawaas-dinagdee cimaa keessa jiranuf qaamoleen mootummaa, abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen tola ooltummaa deeggarsa barbaachisaa akka kennan paartichi waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia