Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya fi daangaa eeguu bira darbee hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachuun raayyaa amala ummatummaa qabate dha jedhan Ministirri Ittisaa Injiinar Ayshaa Mahaammad. Ministeerichi Naannoo Ummattoota Kibba Dhihaa Itiyoophiyaa godina Kafaatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gannaa garaa garaa raawwachaa jira. Injiinar Ayishaan yeroo kanatti akka jedhanitti, tajaajilli tola ooltummaa kallattii mootummaa ida’amuu ta’e aadaa wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsa hawaasichaa cimsaa jira. Raayyaan Ittisaas yaadama kana hordofuun lafa qonnaan bultootaa qotuu, mana harka qalleeyyii ijaaruu fi hojiiwwan biroo irratti hirmaachuun hojiiwwan hedduu hojjachaa jira jedhan. Raayyaan Ittisa nageenyaa fi daangaa biyyaa kabachiisuu bira darbee hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachuun raayyaa amala ummatummaa qabate dha jechuunis addeessaniiru. Godina Kafaa magaalaa Bongaa fi Aanaa Deecaa Ganda Eermootti manneen ammayyaa 10 lammiilee harka qalleeyyiif akka ijaaramu kan ibsan Injiinar Ayishaan, deeggarsi barruulee barattootaa darzana kuma 15 fi meeshaalee barumsaa biroo kennamuu gabaasni TOI ni agarsiisa. PirezidaantiinNaannoo Ummattoota Kibba Dhiha Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Waageeshoo gama isaaniitiin, mootummaan ida’amuu waggoottan darban keessa hojiiwwan rakkoolee bu’uuraa lammiilee furuu dandeessisan fi nama irratti xiyyeeffatan raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.#Oromia #Ethiopia