Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC)- Bara 2018 keessa oomishtoonni kumni 4 fi 400 gara hojiitti galaniiru jedhe Ministeerri Indaastirii.Ministeerichi raawwii karoora bara 2018 gamaaggamaa jira.Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal wayita kana, oomishtoota bara baajatichaa keessa gara hojiitti galan keessaa 165 oomishtoota sadarkaa olaanoo ta’uu ibsan.Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun walitti hidhamiinsi gabaa Birrii biiliyoona 57 uumamuus kaasaniiru.Oomishaaleen alaa galan Doolaara biiliyoona 5 fi miiliyoona 900 kan biyya keessaan bakka buufamuu eeruun, bara baajataa 2019’tti dandeettii oomishuu %69.3 irraa gara %74’tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru.Oomishaalee al-ergii indaastiriiwwan oomishaa irraa galii Doolaara biiliyoona 1 argamsiisuuf karoorfamuu akkasumas lammiilee kuma 400 fi kuma 80’f carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.Kana malees dandeettii oomishaa warshaalee zayitii biyya keessaa guddisuuf kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.Erga mootummaan Ida’amuu gara aangootti dhufee qooda gabaa oomishtoonni zayitii biyya keessaa %5 irraa gara %18.3’tti guddachuu ibsaniiru.Efreem Mitikkuutu gabaase.#Oromia #Ethiopia