Komishiniin Marii Biyyaalessaa walabummaafi hirmaachisummaa adeemsa marichaa irratti ibsa kenne

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 11, 2018 (FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa walabummaafi hirmaachisummaa adeemsa marichaa irratti ibsa kenneera.Yaa’iin Adoolessa 8, 2018 eegalame akkaataa sirna hojimaataafi karoorfameen haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu komishinichi ibseera.Adeemsi marichaa garaagarummaa siyaasaafi hawaasummaa Itiyoophiyaa mariifi karaa nagaan furuuf carraa seena qabeessa ta’uus eereera.Adeemsi isaa nageenya waaraafi tokkummaa biyyattiif faayidaa olaanaa qabaachuu kaasuun, qaamoleen hundi abbummaan kunuunsuu akka qaban hubachiiseera.Komishinichi aangoofi itti gaafatamummaa seeraan itti laatame adeemsa marichaa, walabummaan, akkaataa hammataafi hirmaachisaa ta’een gaggeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibseera.Adeemsi marichaa waltajjii ajandaa siyaasaa paartii, qaama mootummaa yookaan ammoo garee kamiiyyuu raawwachuuf kan hin oolle ta’uu hubachiisuun, fedhiiwwaniifi ejjennoowwan garaagaraa walqixa kan itti dhiyaataniifi mariin waliigaltee waloo uumuuf kan itti hojjetamu ta’uu eereera.Adeemsa isaa keessatti rakkooleen mudatanis jiraachuu kaasuun, giddu gidduutti komishinichaanis ta’e gama mari’attootaan hanqinaaleefi komiiwwan uumaman furuufi deebii kennuuf tattaaffii taasifame keessatti bu’aa argamedha jedhe.Gama Kanaan sosochii hojiifi adeemsa kimishinichaa ilaalchisee ibsa Paartiin Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa dhiyeenya kenneef deebii kennuun barbaachisaa akka ta’e ibseera.Haaluma Kanaan ejjennoo Paartii Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa “adeemsi marichaa hammataafi hirmaachisaa miti” jedhu komishinichi kan hin fudhanne ta’uu ibseera.Yaa’ii marii biyyaalessaa kanarratti bakka buutonni kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartilee siyaasaa, dhaabbileefi waldaalee, qaamoleen mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, Itiyoophiyaanonni bebbeekamoon, hidhattoonni duraanii, hawaasni diyaaspooraafi qaamoleen qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachaa jiraachuufi sagaleen isaaniis dhaggeeffatamaa akka jiru hubachiiseera.Paartiin Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa paartilee hanga ammaatti dammaqinaan hirmaachaa turan keessaa tokko ta’uu kaasuun, Komishinichi dhimma komii mari’ataa kamiiyyuu haala salphaan kan bira darbu akka hin taane ibseera.Paarticha dabalatee komiiwwan qaamolee garaagaraarraa dhiyaatan bu’uura sirna komii hiiktuun deebii kennaa jiraachuu eereera.Yaadota ijaarsaafi komiiwwan adeemsa marichaa fooyyessuuf dhiyaatan haala gaariin ilaaluun adeemsa marichaa bu’aa qabeessa gochuuf hanga hubatanitti akka galteetti fudhachuuf komishinichi qophiidha jedheera.Komishinichi Paartichiifi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon adeemsa marii hafe keessatti dammaqinaan akka hirmaataniifi waliigaltee uumuuf akka tumsan waamicha dhiyeesseera.Mariin biyyaalessaa injifannoo qaama tokkoo yookaan ammoo injifatamuu qaama biraa akka hin taane ibsuun, furmaatawwan waloo Itiyoophiyaa ceesisan barbaaduuf kan gargaaru adeemsa hunda injifataa godhu ta’uu hubachiiseera.Komishinichi sagalee lammiileefi mari’attoota hundaa walqixxummaan dhaggeeffachuufi adeemsa isaa walabummaan hogganuuf kutannoo qabaachuu mirkaneesseera.Uummanni Itiyoophiyaa, paartileen siyaasaa, waldaaleen hawaasa siiviiliifi dhaabbileen garaagaraa hundi milkaa’ina marichaaf qooda isaanii cimsanii akka itti fufan hubachiiseera.#Oromia #Ethiopia