Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, lammiileen Itiyoophiyaa hundi odeeffannoo Komishinichaa fi miidiyaaleen bakka mariin biyyaalessaa itti gaggeeffamu jiran tamsaasaniin ala odeeffannoo biroo hordofuu irraa of qusachuun, odeeffannoo sobaa irraa of eegu akka qaban hubachiise.Komishinichi ergaa yeroo ammaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf dabarse keessatti, mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegalamee Hagayya 8, 2018tti ji’a tokko guutuu isaa yaadachiiseera.Akka Komishinichi ibsetti, mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif kan gaggeeffamu ta’uu, dhimmoota mariif dhiyaatan bu’uuraa fi faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabaachuu, akkasumas fedhiiwwan garaagaraa kanneen baay’ina hawaasa biyyattii bu’uura godhatan jiraachuu irraa kan ka’e, mariin kun xiyyeeffannoo bal’aa argachuun isaa waan nama ajaa’ibu miti.Adeemsa mariichaa keessatti lammiileen Itiyoophiyaa dhimmoota waloo ta’an irratti marii gaggeessuuf kutannoo agarsiisaa jiran, wal kabajuu, wal dhaggeeffachuu fi hariiroon hawaasummaa cimsaa jiran abdachiisaa fi bu’a qabeessa akka ta’e Komishinichi ibseera.Mariin biyyaalessaa kun lammiileen wal hubachuuf, rakkoon nama tokkoo rakkoo kan biraa ta’uu akka hubatan, akkasumas egeree biyya isaaniif yaada waloo irratti waliigaltee irra ga’uun furmaata waaraa akka maddisiisan carraa uumaa jiraachuu ibseera.Akka Komishinichi beeksisetti, adeemsi marii kun sirna hojii fi tooftaa Komishinichaa hordofuun sadarkaa tokko xumuree gara sadarkaa itti aanutti ce’aa turee, yeroo ammaa sadarkaa murteessaa irra ga’eera.Komishinichi gamaaggama adeemsichaa irratti hundaa’uun, ji’i darbe hojiiwwan milkaa’oon kan itti hojjetaman, akkasumas aadaa marii cimsuuf bu’uurri kan itti mul’atan ta’uu ibseera.Haa ta’u malee, adeemsi kun guutummaatti rakkoo tokko malee kan raawwatame akka hin taanes Komishinichi ibseera. Wal-dhabdeewwan tokko tokko mul’achuu himuun, wantoonni akkanaa adeemsa marii keessatti mudachuun waan eegamu ta’uu hubachiiseera.Komishinichi, muuxannoo fi sirna hojii isaa irraa ka’uun, rakkoowwan akkanaa mariin osoo hin jalqabin dura uumamuu akka danda’an hubachuu kaasuun, dhimmi kun garuu hirmaattotaa fi qaamolee isaan bakka bu’anii dhufaniif haaraa fakkaachuu danda’a jedheera.Kana malees, namoonni dhuunfaa fi gareewwan itti gaafatamummaa hin qabne, akkasumas ogeeyyiin miidiyaa odeeffannoo sobaa tamsaasan, rakkoowwan jiran irratti dabalamuun haala jiru caalaatti walxaxaa akka taasisan Komishinichi hubachiiseera.Kanaaf, Komishinichi hawaasni odeeffannoo Komishinichaa irraa bahu, akkasumas miidiyaaleen bakka mariin gaggeeffamu jiran kan tamsaasan malee odeeffannoo maddoota biroo irraa dhufu hordofuu irraa of qusachuun odeeffannoo sobaa irraa akka of eegu qabu yeroo gara garaa hubachiisaa turuu ibseera.Ammas mariin biyyaalessaa gara sadarkaa murteessaa ta’etti ce’aa waan jiruuf, odeeffannoon dogoggoraa fi dhugaa hin taane bal’inaan tamsa’uu akka itti fufu kanb eeggamu ta’us, lammiileen Itiyoophiyaa hundi odeeffannoo Komishinichaa fi miidiyaalee bakka mariichaa jiran irraa tamsaa’an ala odeeffannoo biroo hordofuu irraa of qusachuu akka qabu Komishinichi irra deebi’ee hubachiiseera.Dabalataanis, ogeeyyiin miidiyaa fi namoonni dhiibbaa uumuu danda’an odeeffannoo guutuu fi mirkanaa’aa hin taane qooduun hawaasa keessatti burjaajii fi shakkii uumuu irraa akka of qusatan Komishinichi cimsee waamicha dhiyeesseera.Komishinichi, gochoota akkanaa qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasuun, dhaabbilee miidiyaa fi ogeeyyii miidiyaa sarbama ogummaa fi naamusaa raawwachaa jiran itti gaafatamummaa jala oolchuuf hojii hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Hordoffii fi tarkaanfiin kunis cimee akka itti fufu ibseera.Marii Biyyaalessaa, Waliigaltee Biyyaalessaaf!