Baandaan garaa isaaf yoo du’u; nuti garuu birmadummaa biyyaaf, kabajaafi tokkummaa Uummataaf wareegama kaffalla – Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) – Ajajni Duulawwan Addaa dandeettii waraanaa addaa fayyadamuun saffisaan deebii kennuu fi sodaawwan dursee ittisuudhaan humna waraanaa tarsiimoo olaanaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa keessaa tokko ta’uu Itaamaajor Shuumiin Raayyaa Ittisaa, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan.Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, xumura marii raawwii hojii bara bajataa 2018 Ajaja Duula Addaa irratti argamuun, haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisee qajeelfama hojii hooggantoota Raayyaa Ittisaatiif kennaniiru.Fiildi Maarshaal Birhaanuun, Ajajni Duula Addaa dandeettii waraanaa addaa fayyadamuun saffisaan deebii kennuu fi sodaawwan uumamuu danda’an dursee ittisuu danda’u, humna tarsiimawaa waraanaa ijoo ta’uu ibsaniiru.Itiyoophiyaan jijjiirama sirnaa geggeessitee osoo hin tasgabbaa’in, haleellaan humnoota baandaawwaniin wayita ishee mudatetti, Ajajni Duula Addaa balaa biyya irratti uumame qolachuuf qabsoo ulfaataa geggeessuu ibsaniiru.Kana irraa kan ka’e, humni addaa kun “Diroonii lafoo saffisa waraanaa jijjiiru” jedhamee moggaafamuu ibsanii, gatii hanga ammaatti biyyaaf kaffaleef Itiyoophiyaan akka isa kabajjuufi fuulduraafis dandeettii addaa qabatee hojii isaa itti fufuu akka qabu dubbataniiru.Raayyaan Ittisaa wareegama kaffalaa kan jiru biyya ceesisuuf ta’uu ibsanii, diina alaa irraa biyya eeguu qofa osoo hin taane, nageenya biyya keessaa cimsuun, jireenyi biyyaalessaa mirkanaa’ee guddinni akka itti fufu, tokkummaan biyyaafi olaantummaan seeraa akka kabajamu gochuun kabaja lammiilee kan calaqqisiisu ta’uu hubachiisaniiru.Shaabiyyaan jalqabumarraa kaasee Itiyoophiyaan buufata galaanaa akka hin qabaanne, diinota seenaa waliin hiriiruun biyyattii irratti daba hojjechaa kan ture ta’uu yaadachiisaniiru.Gareen seeraan alaa ABUT’s, “Faayidaa biyyaalessaa dabarsee kan gurgureefi waggoota 27 aangoo irra turetti Itiyoophiyaan buufata galaanaa akka dhabduuf hojjechaa turuu yaadachiisaniiru. Akkasumas Raayyaa biyya isaa irratti haleellaan raawwate humna gantummaa ta’uu isaa akka argisiisu ibsaniiru.Itiyoophiyaan gantummaa ABUT irra deddeebiin qoramteyyuu, ijoollee ishee akka Raayyaa Duula Addaa fakkaatan, jajjaboo fi gootota waan qabduuf, cimtee dhaabbachuun imala ishee itti fufteetti jedhaniiru.Humnoonni daangaa darban tarsiimoo alagaa jalatti hiriiruun Itiyoophiyaa laaffisuu fi diiguuf, hidhata “Tsimdoo” jedhame uumuun uummata rakkoo fi gidiraaf saaxiluuf hojjetanillee, fedhiin isaanii Itiyoophiyaa dadhabde arguu akka hin milkoofne ibsaniiru.Wayyaaneen uummata Itiyoophiyaa qoqqooduun akka wal hin amanne gochaa turuu eeranii, uummata Tigraayiin immoo “ijoolleen Itiyoophiyaa sirratti dhufaa jiru, si marsaa jiru” jechuun uummata Tigraayii fi uummata Itiyoophiyaa gidduutti diinummaan akka uumamu hojjechaa kan ture farra biyyaalessaa ta’uu himaniiru.Har’a garuu shirri hundi fashalaa’ee, uummata Tigraayiin dabalatee uummanni Itiyoophiyaa hundi hojii badaa garee kanaa hubachuun, Wayyaaneen uummata irraa adda baatee deeggarsa dhabaa jirti jedhaniiru. Kana hordofees, humnoota kaleessa diina jedhee ilaalaa ture kanneen akka Shanee fi Faannoo daangaa darbee waliin hiriiruun, Shabiyyaa immoo of duukaa hiriirsuun gantummaa kaleessaa ifatti irra deebi’aa jiraachuu dubbataniiru.Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, miseensonni Ajaja Duula Addaa ergamtoota badiinsaa kunneen uummata Itiyoophiyaa irratti balaa geessisuuf yaadan fashaleessuu, miidhaa isaan geessisan hambisuu fi of tuulummaa isaanii dhaabuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.Keessattuu, garee ergamtootaa Wayyaanee fi humnoota daangaa darban cabsuun, abdii Shabiyyaa fi “abbootii hafuuraa” Shabiyyaa dukkaneessuu akka ta’e ibsanii, dhimma biyya keessaaf dursa kennuu akka qaban dhaamaniiru.#Oromia #Ethiopia