Finfinnee magaalaa Tuurizimii Konfiransii Idil-addunyaaf mijattuufi filatamtuu taate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Bu’uuraaleen misoomaa ammayyaa fi miidhaginni uumamaa walitti dabalamuun Finfinnee giddugala tuurizimii konfiransii idil-addunyaaf mijattuu godhaniiru.Magaalaa siyaasaa fi dippiloomaasii Afrikaa kan taate Finfinneen, bara 2018tti yaa’iiwwan fi walga’iiwwan guguddoo idil-addunyaa hedduu haala gaariin keessummeessiteetti.Magaalattiin qondaaltota, dippiloomaatota, namoota dhaabbilee daldalaa fi ogeessota addunyaa adda addaa irraa dhufan kabajaan simattee, dandeettii olaanaadhaan keessummeessuun nagaadhaan geggeessiteetti.Milkaa’inni kun dandeettii magaalattii addunyaatti  agarsiisuu bira darbee, guddina ariifachiisaa waggoota dhiyoo keessatti galmeessiste addunyaaf kan beeksisedha.Milkaa’ina magaalattiin gama Kanaan galmeessisteef hojiileen misooma kooridoorii bal’inaan magaalattii keessatti hojjetaman qooda olaanaa bahataniiru.Daandiiwwan imaltoota lafoo  babal’aa fi qulqulluun, daandiiwwan biskileetii, ibsaawwan ammayyaa daandiirraa fi bakkeewwan magariisaa magaalattiif simboo dabalaniiru.Misoomni bu’uuraalee misoomaa ammayyaa kun keessummoonni yaa’iif dhufan magaalattii keessa dhamaatii fi yaaddoo nageenyaa malee akka socho’an gargaaruu bira darbee, Finfinneedhaaf miidhagina dabalaniiru.Sosochii tiraafikaa saffisiisuunis misoomni kooridoorii tuurizimii konfiransiif deeggarsa guddaa godheera.Iddoowwan gahumsa tuurizimii magaalattiin yeroo dhiyoo asitti ijaarte, misoomni qarqara lageeniifi paarkiiwwan ammayyaa keessummoota walga’iidhaaf dhufaniif iddoowwan filatamoo ta’aniiru.Paarkiiwwan akka Tokkummaa, Inxooxxoo, Michummaa fi bakkeewwan bashannanaa qarqara lagaa biroon keessummoota hawwachuu keessatti shoora olaanaa taphataniiru.Bakkeewwan kunniin bakka keessummoonni itti bashannanan, uumama itti ajaa’ibsiifatan fi aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa bakka tokkotti itti ilaalan giddugala tuurizimii ta’uun tajaajilaniiru.Kuni immoo tuurizimii konfaransii tuurizimii aadaa fi uumamaa waliin walitti hidhuun galii tuurizimii fi maqaa magaalattii guddiseera.Hoteelonni sadarkaa idil-addunyaa eeggatanii fi maqaa gaarii qaban Finfinnee keessatti baay’achuun isaanii milkaa’ina magaalattiin bara 2018tti galmeessisteef utubaa biraati.Hoteelonni keessummoota aadaa simannaa keessummaa Itiyoophiyaanotaa fi tajaajila ammayyaan simataniiru.Qophiin galmawwan walga’ii, bu’uuraalee misoomaa teeknoolojii dijiitaalaa fi humni namaa leenji’e jiraachuun hoteelonni milkaa’ina yaa’iiwwaniif gumaacha isaanii akka bahatan dandeessisaniiru.Magaalattiin yeroo tokkotti keessummoota kumaatamaan lakkaawwaman haala gaariin keessummeessuuf dandeettii guutuu akka qabdu qabatamaan agarsiifteetti.Walumaagalatti yaa’iiwwan idil-addunyaa Finfinneen bara 2018 keessa keessummeessite qooda olaanaa isheen damee dippiloomaasii keessatti qabdu kan mirkaneessanidha.Magaalattiin keessummoota ishee simattee, jaalalaan keessummeessitee nagaadhaan geggeessuun ishee kan dinqisiifatamudha.Finfinneen yeroo ammaa walga’iin kan itti geggeeffamu qofa osoo hin taane, bu’uuraaleen misoomaa kan itti ammayyaa’an giddugala tuurizimii konfaransii idil-addunyaa amansiisaa fi mijataa ta’uu ishee addunyaaf mirkaneessiteetti.