Humnoota galaanaa, galaana dhowwatamanFinfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) — Bishaan Itiyoophiyaaf kaleessas, har’as!Seenaan ishee kaleessaa inni guddaan bishaanota gurguddoo irraa kan maddu yoo ta’u, badhaadhinni ishee har’aa fi boruus bishaan irraa adda hin ba’u.Itiyoophiyaanonni durii daandiiwwan galaanaa to’achaa turaniiru. Daldala idil-addunyaa qindeessaa turaniiru. Yaada, amantii fi walitti dhufeenya ilmaan namaa galaanaan ceesisaniiru. Ilmaan isaanii garuu, “Abbootiin keenya galaanarra imalaa turan” jechuun hawwii fi yaadannoo guddaa keessa seenaniiru.Hariiroon Itiyoophiyaa fi galaanaa gidduu jiru uumama yeroo dhihoo miti. Hariiroo aadaa fi daldalaa waggoota kumaatamaan lakkaa’amuu qaba. Qaroominni Aksuum galaana Diimaa cinatti kan argamu Buufata Doonii Aduulisii akka balbala daldalaa ijootti itti fayyadamaa tureera. Buufata doonii kanaan Roomaa, Biizaantiinii, Kibba Arabiyaa, Peershiyaafi Hindii waliin daldalli bal’aan gaggeeffamaa ture.Akka qorattoonni ibsanitti, Adulisii mootummaa Aksuum keessatti gahee murteessaa kan qabu yoo ta’u, magaalaa guddoo lammaffaa ta’ee tajaajilaa ture. Wanti gara mootummaa sanaa seenu hundi buufata doonii kana keessa darbaa ture. Dhugaan seenaa kun hariiroo dur Itiyoophiyaan galaana Diimaa waliin qabdu kan mirkaneessuu dha.Erga Eritiraan karaa shiraatiin Itiyoophiyaa irraa adda baatee booda, Itiyoophiyaan buufata doonii malee hafte. Waggoota soddomaa ol daandii lafaa qofaan daangeffamtee turte. Har’a daldalli ishee gara dhibbeentaa 95 ta’u buufata doonii kireeffatameen gaggeeffama.Kanaaf, haala seenaa fi uumamaan madaalawwan sirrii hin taaneen buufata doonii dhabuu kun Itiyoophiyaa waggaa waggaadhaan kiraa fi kaffaltii tajaajilaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu akka kaffaltu dirqisiiseera.Mootummaan Ida’amuu, Itiyoophiyaan hidhaa siyaasaa-ji’oopoolitikaa keessa jirtu keessaa bahuu qabdi jechuun ejjennoo cimaa qabateera. Itiyoophiyaanonni hedduunis garaagarummaa ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamin ejjennoo kana ni qooddatu.Ejjennoon isaanii, buufata galaanaa argachuun daldalaaf mijataa ta’uu qofa osoo hin taane, nageenya biyyaatiifis murteessaa ta’uu qaba jedhu. Haa ta’u malee, gaaffiin kun karaa nagaa fi marii irratti hundaa’e ta’uu irra deddeebi’anii ibsu.Gaaffiin Itiyoophiyaa waraana barbaaduu osoo hin taane, karaa nagaa hariiroo diinagdee fi faayidaa waloo bu’uura godhateen tarkaanfii seeraa fi siyaasaa fudhachuudha.Afrikaa Bahaatti baay’ina uummataan, gumaacha humna nagaa kabajchiisuu fi dandeettii diinagdee isheetiin mootora naannawichaa kan taate Itiyoophiyaan, abbaa balbala galaanaa ta’uun nageenya naannawichaa kan cimsu malee kan jeequ miti.Waliigalteewwan seeraa, misooma waloo fi bu’uuraalee hariiroo naannawaa hordofuun mirga seenaa kana kabachiisuun abjuu fi jireenya namoota miliyoona dhibbaan lakkaa’amanii mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaa ta’ee itti fufa.Seenaan Itiyoophiyaa fi galaanaa gidduu jiru hundee gadi fagoo qabaatus buufata doonii dhabuusheen baasii diinagdee guddaa kaffalaa jirtu furuun hojimanee seenaan lammiilee biyyattii irraa barbaaduu dha.Soosinnaa Alamayyootiin#Oromia #Ethiopia