Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC) — Finfinneen misooma koriidarii, haaromsa magaalotaa fi misooma qarqara lagaa gaggeeffameen daran miidhagdee, guutummaatti jijjiiramteetti. Magaalaa miidhagduu, simbo-qabeettii taateetti.Daandileen bal’ifamaniiru; duraan dukkanaa’oo kan turan amma ifa argataniiru; daandiiwwan miilaa addaan baafamanii ijaaramaniiru; Kan biskileetaa duraan hin jirre, har’a mallattoolee Finfinnee keessaa tokko ta’aniiru.Kaleessa daandiwwan bakka dhaabbii konkolaataan cufamaa kan turan; har’a haalichi jijjiirameera; bakka garaagaraatti iddoowwan dhaabbata konkolaataa babal’ifamaniiru. Kunis yaa’insi tiraafikaa akka saffisu taasisuu fi bareedina magaalattii eeguu dandeessiseera.Walgaa’iinsi magariisummaa ishee dhibbeentaa 2.8 qofa ture gara dhibbeentaa 24tti guddateera. Magaalota qulqulluu Afrikaa 10’n keessaa tokko ta’uun sadarkaa addunyaattis beekamtii argatteetti.Finfinneen magaalaa qulqulluu, bareedduu fi bu’uuraalee misoomaa guutuu qabdu ta’uu isheetiin, dandeettiin konfiransota, walga’iiwwanii fi daawwattoota hedduu keessummeessuu ishee itti fufee guddateera.Kana malees giddugalummaan dipilomaasii ishee daran cimee, Itiyoophiyaanota qofaaf osoo hin taane, Afrikaanota hundaaf magaalaa guddoo keenya jedhanii waamuun ittiin boonaa jiru.Gadadummaa bifaa ishee dhibbeentaa 74 ture gara dhibbeentaa 30tti gadi buusuun danda’ameera. Magaalattii keessatti jijjiiramoonni bu’uuraa hedduun galmaa’anis, har’as hojiiwwan hedduu hojjecbhuun barbaachisaa dha.Bara baajataa itti aanu keessatti hojiiwwan ijoo xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf adda baafaman, keessumaa Finfinneen jiraattotaaf mijattuu akka taauu fi dorgomtummaa sadarkaa idil addunyaatti qabdus kan mirkaneessanii dha.#Oromia #Ethiopia