Yaa’ii rakkoolee nageenyaa fi tasgabbii naannawaa BahaAfrikaahiikuu irratti xiyyeeffate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) – Yaa’iin 36ffaan qaamolee Humna Poolisii Hatattamaa Baha Afrikaa (EASF) magaalaa guddoo Ugaandaa, Kaampaalaatti gaggeeffamaa jira.Yaa’icharratti inispeekteroonni olaanoon, Ekispeertonni, shuumiiwwan Itaamaajorii Humnoota Waraanaa, Ministiroonni Ittisaa fi bakka bu’oonni biyyoota miseensotaa hundi 0hirmaachaa jiru.Waltajjicharratti rakkoolee nageenyaa fi tasgabbii naannoo Baha Afrikaatti mul’atan waliin furuuf dhimmoota dandeessisan ijoo irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.Dabalataanis, Humni Yeroo Hatattamaa Baha Afrikaa raawwii hojii isaa walakkaa waggaa gamaaggamuun, humni kun dhaabbata nageenyaa fi tasgabbii naannichaa keessatti gahee ijoo qabu akka ba’uuf kallattiin kaa’ameera.Itiyoophiyaa bakka bu’uun yaa’icharratti kan hirmaatan Meejar Jeneraal Taashoomaa Gammachuu, biyyoonni miseensotaa Humna Yeroo Hatattamaa Baha Afrikaa cimsuuf gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.Humni Yeroo Hatattamaa kun ajandaa jijjiirama dijitaalaa hojiirra oolchaa jiru milkaa’inaan akka raawwatuuf Itiyoophiyaan deeggarsa guutuu akka gootu ibsaniiru.Jijjiiramni dijitaalaa filannoo osoo hin taane dirqama ta’uu kan hubachiisan Meejar Jeneraal Taashoomaan, biyyoonni miseensotaa ajandaa kana milkaa’inaan hojiirra oolchuuf deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.Itiyoophiyaan haala nageenyaa fi tasgabbii naannoo Baha Afrikaa cimsuuf deeggarsaa fi hirmaannaa gama hundaan taasisaa jirtu caalaatti jabeessuun akka itti fuftu mirkaneessuu ishee, Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Faanaa Dijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia