Biraaziil fi Norweey; Ingilaand fi Meeksikoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2018 (FMC) – Waancaa Addunyaa 2026 qopheessummaa waloo Ameerikaa, Kanaadaa fi Meeksikootiin gaggeeffamaa jiruun, taphoonni gara nuusa xumuraatti darbuuf geggeeffaman har’as itti fufuun ni taphatamu.Yeroo shan Shaampiyoonaa kan taate Biraaziil, galgala sa’aatii 5:00 irratti Norweey waliin ni taphatti.Tapha mo’anii darbuu gareewwan 32 gidduutti taphatameen, Biraaziil Jaappaanin, akkasumas morkattuun ishee Norweey ammoo Kootedvowaariin injifachuun garee 16tti makamuun isaanii ni yaadatama.Waancaa Addunyaa baranaa irratti galchii 4 kan lakkoofsise Viiniishas Juuniyoor taphataa garee biyyaalessaa Biraaziiliin baay’ee eegamu dha. Gama biraatiin, galchii 5 lakkoofsisuu kan danda’e taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessaa Norweey Eerliing Haalaand taphataa biraa tapha har’aan eegamu dha.Sagantaa biraatiin, biyyi qopheessituu taate Meeksikoon halkan sa’aatii 9:00 irratti Ingilaand waliin morkatti.Meeksikoon galchiin tokkoollee osoo irratti hin lakkaa’amin tapha hundumaa injifachuun kan as geessee yoo ta’u, tapha har’aatiin Ingilaandiif qormaata guddaa taati jedhamee eegama.Ingilaand erga bara 1966 booda Waancaa Addunyaa injifachuuf imala gochaa jirtu jabeessuuf gara dirree kan seentu ta’a.Galchii 5 lakkoofsisuun kophee warqeetiif dorgomaa kan jiru taphataan sarara fuulduraa Ingilaand Haarii Keeyin tapha kanaan baay’ee eegama.#Oromia #Ethiopia