Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC) -Itiyoopjiyaa keessatti milkaa’ina sirna fayyaa haqa qabeessaa fi cimaa ijaaruuf dhaabbilee barnoota fayyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan Minisitiirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa.Yaa’iin Barnoota Yaalaa Afrikaa 2ffaan mata duree “Humna ogeessa fayyaa Afrikaa carraawwan miijatoo fi qormaatilee fuulduraatiif qopheessuu” jedhuun har’a Finfinneetti adeemsifamuu jalqabeera.Dooktar Maqdas yeroo kanatti akka jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti sirna fayyaa dijiitaalaa cimsuuf, omisha meeshaalee yaalaa biyya keessaa guddisuuf, akkasumas ogeessota fayyaa ga’umsa qabanii fi fuulduraaf qophaa’an horachuuf dursi kennamee hojjetamaa jira.Akka ardichaatti ogeessota fayyaa sirriitti leenji’an, ga’umsa qabanii fi fuulduraaf qophaa’an horachuun bu’uura sirna fayyaa amansiisaa akka ta’e eeraniiru.Itiyoophiyaan waggoota kurnee lamaan darban keessa sagantaa ekisteenshinii fayyaa babal’isuu, bu’uuraalee misooma fayyaa irratti invesiti gochuu fi dhaabbilee fayyaa sadarkaa jalqabaa cimsuun milkaa’ina dinqisiisaa galmeessiteetti jedhan.Seektara fayyaa karaa hiika qabuun fooyyessuuf, haaldurewwan tajaajila eegumsa fayyaa cimsuu, jijjiirrama dijiitaalaa ariifachiisuu, akkasumas ogeessota fayyaa ga’umsa qabanii fi fuulduraaf qophaa’an horachuun jedhaman irratti hundaa’uun hojjetamaa jira jedhaniiru.Dabalataanis, jijjiirrama seektara fayyaa keessatti omisha biyya keessaatiif dursi tarsiimawaa kennamuu kan ibsan Dooktar Maqdas, kana milkeessuuf faayinaansiin itti fufiinsa qabu dhimma bu’uuraa ta’uu hubachiisaniiru.Itoophiyaan faayinaansii fayyaa itti fufiinsa qabu cimsitee itti fufuun eeranii, yeroo ammaa kanatti namooti miiliyoona 63 ol tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa fayyadamoo ta’uu danda’uu kaasaniiru.Dhaabbileen leenjii fayyaa uummataa 47 ol jiraachuu eeranii, yuunivarsiitiiwwanii fi kolleejonni 22 leenjiiwwan ispeeshiyaaliiitii fi suuppar-ispeeshiyaalitii kennuun waggaatti ogeessota yaalaa ispeeshiyaalistoota kuma 1 fi 200 ol eebbisiisaa jiraachuu dubbataniiru.Fuuldurattis barnoota yaalaa digrii lammaffaa fi isaa olii babal’isuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu himaniiru.Laykun Alamtu gabaase. #Oromia #Ethiopia