Holqi Soof Umar Godina Baalee Bahaa Aanaa Daawwee Qaachanitti argama.Holqi kun lafa jala kiilomeetira 15 ol dheerata, lagni Weeb ammoo holqa kana keessa darba.Baaleen uumaan faayame; qabeenya uumamaa addaa Itiyoophiyaa, Oromiyaa fi addunyaa biratti beekamaa ta’e keessaa tokko Holqa Soof Umaridha.Bakki kun bareedina uumamaa, seenaa fi hawwata turizimii isaatiin daawwattoota hedduu hawwata.Holqa Soof Umar holqa uumamaan uumame keessaa isa guddaa fi beekamaadha.Finfinneerraa fageenya Kiiloo meetira 532 irratti kan argamu Holqi Soof Umar, hawwata uumamaa addaati.Kennaa uumaamaa addaan kan marfame bakki hawwata turiizimii kun qixa galaanaa irraa meetira kuma1 fi 385 irratti kan argamu yoo ta’u, keessa isaa qaxxaamuuruu sa’aatii lamaa hanga sadii fudhata.Holqa Soof Umar Afrikaa fi addunyaa irratti bakka turizimii adda duree taasisuuf tattaaffiin godhamee fi bu’aan argame kanneen biroof fakkeenya ta’ee kan tajaajiluudha.Paarkii Biyoolleessa Gaarreen Baalee irraa ka’uun Kilomeetira 100 ol deemuun halqicha keessa kan darbu Lagni Weeb uumama kana caalaatti miidhaksa.Weeb holqicha keessatti dachaa 7 deddeebi’ee waan darbuuf, daawwattoonni yeroo 7 ce’uuf dirqamu.#Oromia #Ethiopia