Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xuruunaa sirni fayyaa Itiyoophiyaa sirna diijitaalaa fi hubannoo namtolchee waliin walqabachaa jiru Afriikaaf fakkeenya kan ta’uudha jedhan.Korri Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree “Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawa Gara Fuulduraaf Qopheessuu” jedhuun har’a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera.Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal’isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti.Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan.Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru.Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru.Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka arddiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitoota fi babal’istoota ta’uun akka barbaachisu hubachiisaniiru.Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan.Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan.Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan.Layikuun Aalamtu gabaase#Oromia #Ethiopia