Finfinnee, Waxabajjii 28, 2018 (FMC) – Bara baajetaa kanatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa sirriitti hojiirra ooluu itti dhiheenyan hordofuun danda’ameera jedhan Mana Maree Federeeshiniitti walittiqabaqn Koree Dhaabbii Dhimma Baajeta deggersaa fi Galii Waloo Obbo Shimallis Abdiisaa.Obbo Shimallis Abdiisaa akka dubbatanitti bara baajetaa 2018 keessatti naannolee gidduutti guddina madaalawaa fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojiileen bu’a qabeessa ta’an hedduun hojjetamaniiru.Sirni qoodinsa bajata gargaarsaa fi galiiwwan waloo qorannoo fi karoora gurmaa’een akka hoogganamu gochuu qofa osoo hin taane, qabeenyawwan naannolee fi bulchiinsa magaalaatti darban haala ifa fi haqa qabeessa ta’een akka qoodaman hordoffii fi deeggarsi taasifamuu dubbataniiru.Bara bajatichaa keessatti shallaggiin qoodinsa qabeenyaa haala sirriin hojiirra ooluu itti dhiheenyaan hordofuun danda’amuu ibsaanii, kunis qabeenyawwan darban irratti iftoomina guddisuu fi mootummoota gidduutti sirna ce’umsa fiiskaalaa cimsuuf gumaacha guddaa taasisuu ibsaniiru.Dabalataanis, raabsama bu’uraalee misooma federaalaa haqa qabeessa gochuu fi gargaarsi addaa iftoomina fi itti gaafatamummaan naannoleef qoodamuu isaanii mirkaneessuun hojiilee tarsiimoof qajeelfama ijoo korichaa akka turan eeraniiru.Guddina dinagdee fi hawaasummaa ariifachiisuu fi naannolee gidduutti fayyadamummaa haqa qabeessa dhugoomsuun carraaqqii yeroo dheeraa akka gaafatu ibsaanii, hudhaalee adda baasuu fi odeeffannoo yeroon walitti qabuun furmaata waaraa fiduuf akka hojjetamu ibsuu isaanii odeeffannoon Mana Maree Federeeshinii agarsiiseera.#Oromia #Ethiopia