Ingilaand Meeksiikoo injifachuun nuusa xumuraaf darbite

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa 23ffaa 16nii barii kana taphatameen Ingilaandi Meeksiikoo 3 fi 2n injifachuun nuusa xumuraaf darbiteetti.Ingilaandiif Juud Biilingihaam galchii lama yoo galchu, kan hafte ammoo Haarii Keen rukuttaa adabbiin lakkoofsiseera.Taphicharratti Kuwaansaan badii hojjeteen kaardii diimaan dirree keessaa ari’ameera.Galchiiwwan Meeksiikoo Juuliyaan Kuwinoonisi fi Raawul Hiimiineez (adabbiin) galchaniiru.Ingilaandim tapha nuusa xumuraa marsaa itti aanuun Noorweey waliin kan taphattu ta’a.#Oromia #Ethiopia