Daldala Alaarrra galiin Doolara biiliyoona 10 argame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC)- Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa bara baajataa 2018 daldala alarraa galiin doolara biiliyoona 10 ol argame jedhe.Ministeerichi dhaabbilee Waamamtootaa waliin ta’uun raawwiii karooraa bara baajataa 2018 gamaaggamaa jira.Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsaa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Gofee, dhaabbatichi tajaajiloota kennaa jiru 67 keessaa 47 gara diijitaalaatti jijjiireera jedhan.Haaluma kanaan hojmaata badaa ittisuun tajaajiloota saffisaa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru.Gabaa Oomishaa Itiyoophiyaa cimsuuf hojiileen hedduu hojjetamuu eeruun,Gabaan Oomishaa Itiyoophiyaa rakkoo damee heddu qabu keessaa bahuun bu’aa Birrii miiliyoona 800 argachuufi gamoo ofii ijaarrachuu ibsaniiru.Dabalataniis bara baajatichaatti maamiloota miiliyoona 3 fi kuma 400 ‘f tajaajilli eyyama daldalaa kennamuu dubbataniiru.Haala gabaa tasgabbeessuuf hojiilee wagga waggaan hojjetamaniin gabaa sanbataa gara 800 babal’isuu ibsuun, lakkoofsi isaani waliigalaa kuma 2 fi 869 qaqqabuus eeraniiru.Giddugalonni walitti hidhamiinsa gabaa 31 ijaaramuus Dooktar Kaasaahuun himaniiru.Bara baajatichaatti tajaajiloonni gara onlaayiniitti jijjiramuu, deebii muddama boba’aarratti mudateef kenname, bu’uuraalee misoomaa gabaa babal’isuu fi gabaa tasgabbeesuu keessatti hojiileen bu’aa qabeessi hojjeatamuu kaasan.Taammiraat Dalaliitu gabaase.