Mootummaa fi Ummanni Keeniyaa Itiyoophiyaaf kabaja guddaa qabu – Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Mootummaa fi Ummanni Keeniyaa Itiyoophiyaaf kabajaa fi galata guddaa qabaachuu ibsan.Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon kana kan dubbatan sirna dhakaa bu’uuraa kaa’uu ijaarsa buufata calaltuu boba’aa Laamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irratti argamanirratti.Eegaluun ijaarsa Piroojektichaa Afrikaaf barri haaraan jalqabuu missiraachoo ta’uu dubbatan.Keessattuu Afrikaan dandeettii ofiin ijaaruu, biyya keessatti oomishuu fi sona dabaluu akka dandeessu agarsiiftuu ta’uu eeran.Piroojektichi abjuu Afrikaanotaa dandeettii Afrikaanotaan, Indaastirii Afrikaa Badhaadhinaa Afrikaatiif ijaaruun akka danda’amu mirkaneessitudha jedhan.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad nu waliin ta’uun murannoo agarsiisaniif anii fi Ummanni Keeniyaa kabajaa fi galata guddaa qabnaaf jechuun dubbatan.Tumsi Keeniyaa fi Itiyoophiyaa naannawichaaf akkaan murteessaa ta’uu kaasan.Afrikaan qabeenya hin dhabne; beekumsa hin dhabne; gabaa illee hin dhabne. wanti ijaaruu qabnu dandeettii wantoota kana hunda walitti qindeessu jechuun ibsan ergaa isaaniin.Malkaam Fiqaaduutiin#Oromia #Ethiopia