Kantiibaa Adaanech Abeebeen Miseensoota Mana maree yeroo hojii isaanii xumuran galateeffatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) – Manni Maree Magaalaa Finfinnee Miseensota Mana Maree duraaniif gaggeessaa taasiseera.Miseensota Filannoo Marsaa 6ffaan filatamanii waggoota shanan darbaniif ummata isaanii tajaajilaa turan har’a kabajaan gaggeessineerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.Miseensonni kunneen imaanaa ummataan itti kenname, qaamoleen raawwachiiftuun hojii isaanii itti gaafatamummaan akka raawwatan deeggarsaa fi hordoffii taasiuun magaalattiin gama hundaan milkaa’ina jajjaboo akka galmeessitu qooda olaanaa bahataniif maqaa koo fi bulchiinsa magaalichaan nan galateeffadha jechuun ibsan.#Oromia #Ethiopia