Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaafi Baankiin Addunyaa guddina damee dhuunfaan durfamu saffisiisuuf tumsa tarsiimawaa qaban cimsuuf waliigalaniiru. Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideefi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Daayrektara Maaneejiingii Baankii Addunyaa Aanaa Biiyeerdee fi Baankii Addunyaatti Pireezidaantii Itti aanaa Naannoo Bahaa fi Kibba Afrikaa Nidiiyaamee Diyoop waliin mari’ataniiru. Obbo Ahimad Shidee fooyyessii diinagdee mootummaan gaggeessaa jirurratti ibsa kennaniin, fooyya’iinsa sassaabbii galii biyya keessaa irratti argame, tarkaanfiiwwan naannawaa hojii daldalaa fooyyessuuf fudhataman fi misooma damee dhuunfaa cimsuuf hojiilee hojjetaman ibsaniiru. Daayrektara Maaneejiingii Baankii Addunyaa Aanaa Biiyeerdee gamasaaniin, guddina ajandaa fooyyessii Itiyoophiyaan galmaa’e fi kutannoo mootummaan guddina dame dhuunfaan durfamu fi carraa hojii uumuu jajjabeessuuf qabu dinqisiifataniiru. Baankiin Addunyaa tumsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuufi hojiilee mootummaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Qaamoleen lameen “Mission 300” damee qonnaa ammayyeessuun walitti hidhamiinsa qonnaa fi inisheetiivii waliingahiinsa bishaanii dabalatee dameewwan ijoorratti tumsa isaanii cimsuuf waliigalaniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaan miidhaawwan jijjiirama qabeenya qilleensaa fi dhiibbaawwan alaa dandamachuuf dandeettii ishee cimsuuf carraa maddeen faayinaansii dabalataa argachuu bal’isuun barbaachisaa ta’uun eeramuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa. Marichi tumsa cimaa mootummaa Itiyoophiyaafi Baankii Addunyaa irra deebiin kan mirkaneesse akkasumas jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa babal’isuuf, dandeettii dandamannaa cimsuufi guddina waaraafi hammataa damee dhuunfaan durfamu jajjabeessuuf kutannoo jiru kan mirkaneessedha.