Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Naannoo Amaaraatti dhaabbilee nageenyaa fi haqaa cimsuun haqaa fi nagaa naannichaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa.Manni Maree Naannichaa walga’ii isaa jalqabaa waggaa 1ffaa marsaa 7ffaa gaggeessaa jira.Walgahii kanarratti Obbo Araggaa Kabbadaa irra deebiin Pirezidaantii naannichaa ta’uun moggaafamaniiru.Obbo Araggaan mana marichaaf haasaa taasisaniin, naannichatti nagaa fi tasgabbii siyaasaa fiduuf hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeeyyii akka ta’aniif mootummaan isaanii cimee kan hojjetu ta’uu hubachiisaniiru.Naannicha misoomaaf mijataa taasisuuf abbootii amantaa, dargaggoota, jaarsolii biyyaa fi qaamolee hawaasaa biroo waliin mari’achuun, mala furmaata walitti bu’iinsaa aadaa irratti hundaa’e guddisuun nageenya naannichaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhan.Kana dhugoomsuufis dhaabbileen loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’anii fi uummataaf dhaabbatan akka ijaaramaniif ni hojjenna jedhaniiru.Dhaabbilee nageenyaa fi haqaa cimsuun, naannichatti haqaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti cimsanii akka itti fufan ibsanii, tariismoo quunnamtii humna waliin misoomuu fi waliin guddachuu naannichaa fi naannolee ollaa gidduu jiru guddisuuf dandeessisu akka hundeeffamus ibsaniiru. Nagaan hawwii duwwaan akka hindhufne fi hojii qofaan akka ijaaramu kan hubachiisan pirezidaantichi, waan nurraa eegamu ba’achuu qabna jedhan.Naannichi humna misooma qonnaa olaanaa qabaatus, rooba irratti hirkataa ta’uu isaatiin guddina barbaadamu galmeessisuun akka hin danda’amne kan ibsan Obbo araggaan, kana furuuf akka hojjetamus kaasan.Waggoota shanan dhufan keessatti sirna qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuun oomisha qonnaa akka guddisan dubbatan.Dameen dhuunfaa qonna irratti akka hirmaatuu fi invastaroota alaa damee kanarratti hirmaachisuuf karoorfamee jiras jedhan.Misooma jallisii ammayyaa bu’uura godhachuun oomisha guddisuurratti xiyyeeffannaan hojjechuun, oomishaalee sona dabalataa qaban dhiyeessuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuun hanqinoota jiran furuuf ni hojjenna jedhaniiru.Immabeet Sisaayiin #Oromia #Ethiopia