Finfinnee, Fulbaana 19, 2019( FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammudiin simataniiru. Waajjirri Ministira Muummee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad har’a ganama buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti argamuun Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammudiin simachuu ifoomseera..