Buufata calaltuu Boba’aa Doolaara biiliyoona 16 oliin ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’ame Laamuu

Wait 5 sec.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi hoggantoonni biyyoota Afrikaa biroon buufata calaltuu Boba’aa Doolaara biiliyoona 16 oliin Laamuutti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.Piroojektii buufata boba’aa calaluu fi Baha Afrikaatti isaa guddaa ta’eedha.Piroojektichi abbaa qabeenyaa Aliikoo Daangoteen kan ijaaramu yoo ta’u, buufatni kun yeroo guutummaatti tajaajila kennuu eegalu guyyaatti boba’aa baarmeela kuma 700 ol qulqulleessuu danda’a.Hanga bara 2030tti guutummaatti xumuramee tajaajila kan eegalu ta’uu ibsame.Piroojektiin hariiroo daldalaa fi bu’uuraalee misoomaa murteessaa ta’e kun Keeniyaa, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walitti hidhuu keessatti gumaacha guddaa qaba.Itiyoophiyaa fi Keeniyaan biyyoota ollaa teessuma lafaan walitti hidhaman, mariin waliigalanii fi michummaan cichoomaniidha.Pireezidaantiin Yugaandaa Yooweerii Kaaguutaa Muuseevenii, Pireezidaantii Beeniin Roomuald Wadagnii, Pireezidaantiin Toogoo Jeen Luusiyaan Saavii de Toovee, Pireezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oliisegun Obaasaanjoo fi bakka bu’oonni mootummaa biyyoota Afrikaa biroo sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti hirmaataniiru.#Oromia #Ethiopia