Wiirtuu Taateewwan Afrikaa fi Idil Addunyaa: Finfinnee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Finfinneen Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaa namoonni kumni 30 ol irratti hirmaataan milkaa’inaan keessummeessaa jirti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.Konfiransiin guddaan kun dandeettii magaalattiin walga’iiwwan idil-addunyaa keessummeessuu, qulqullina tajaajilaa fi aadaa keessummaa simachuu ishee irra deebi’ee mirkaneessuuf carraa guddaa ta’eera jedhan.Hoteelonni, manneen nyaataa, iddoowwan hawwata tuurizimii, tajaajiloonni geejjibaa fi dameewwan tajaajilaa biroon magaalattii keessatti argaman aadaa, duudhaa fi safuu keessummaa kabajuu Itiyoophiyaa agarsiisuun, faayidaa dinagdee magaalattii fi beekamtii ishee idil-addunyaa guddisuuf gumaachaa jiraachuu kaasan.Finfinneen jijjiiramaa qofa osoo hin taane, taateewwan gurguddoo Afrikaa fi idil-addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun wiirtuu idil-addunyaa ardichaa ta’aa jiraachuu ibsan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa