Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC) – Ijaarsi warshaa xaa’oo hordoffii fi to’annoo olaanaa raawwatamaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Warshaan Xaa’oo Naannoo Somaalee Naannawaa Godeetti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa hojiin iddoo qopheessuu xumuramaa jira.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Yaa’ii Idilee 4ffaa Bara Hojii 1ffaa waggaa 7ffaa Mana Maree Bakba Bu’ootaa guyyaa kaleessaa gaggeeffamerratti argamuun gaaffiilee fi yaadota Miseensoota mana marichaarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.Bakka washaan kun ijaaramutti manneen jireenyaa hojjettootaa kumni 18 magaalaan haaraan ijaaramaa jiraachuu himan.Warshaan xaa’oo kun dhaabbilee oomisha amooniyaa Yuuriyaa fi giraanuleeshinii kan of keessatti hammatu ta’uu eeran.Akkasuma warshaan Korojoo saamsuus jiraachuu himan.Bakka Gaaziin bahee eegalee hanga Godeetti hojiin Ujummoo diriirsuu jiraachuu kaasuun, Konkolaattoonni Xaa’oo Naannootti raabsan 500 qaama ijaarsichaa ta’uu dubbatan.Waliigalaan warshichi baasii Doolaara biiliyoona 3 oliin kan ijaaramu ta’uu ibsan.Guyyaa guyyaan rakkoolee hedduun mudatanis ijaarsi warshaa kanaa to’annoo fi hordoffii olaanaan raawwatamaa jiraachuu himan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa