Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC)- Raayyaan Ittisaa Biyyaa mana tokko jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaada fi gaafii miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra dhiyaataniif ibsaa fi deebii wayita kennan, Raayyaa qofaa isaa yoo ijaarre itti hin fufuu jedhan.Diinagdeen jiru raayyaa baachuu kan danda’u ta’uu mirkaneessuun barbaachiisaa ta’uu dubbataniiru.Raayyaa Ittisa biyyaa Utubaa tokkoon Dhaabbachuu hin danda’u, Utubaaleen hundi ijaaramuu qabu jedhan.Utubaaleen kunneen immoo qilleensaarratti, lafaa fi teeknooloojiirratti jechuun ibsan.Haaluma kanaan akkaataa tarsiimoo Raayyaan Utubaalee isaa hundaan bu’uura cimaarratti ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.Raayyaan Ittisa Biyyaa Dhaabbata teeknooloojii sirnaan taasifaneerra, bu’aan isaas mul’ata jira.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa