Keessummoota simachuuf qophoofneerra – Jiraattota Magaalaa Jimmaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa 21ffaaf keessummoota naannoolee biyyattii adda addaa irraa dhufan simachuuf qophoofnerra jedhan jiraattonni magaalaa Jimmaa.Hawaasa Jimmaa fi naannoo ishee keessummaaf buna danfisuun, nyaachisuu fi obaasuun bara mootii Abbaa Jifaar irraa eegalee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufuu eeran jiraattoonni kunneen.Kabajni mana ofiitii jalqabee gara ollaatti, achiis gara biyyaatti guddata kan jedhan jiraattonni magaalichaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee keessummaa akkaataa duudhaa fi aadaa isaaniin simachuuf qophiirra jiraachuu dubbatan.Magaalattiin magaalaa saboonnii fi sablammoonni miidhaginaan wal kabajanii keessa jiraatan ta’uu himan.Poolisoonni tiraafikaa fi to’attoonni nageenya daandii magaalattii; guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa irratti sochiin tiraafikaa magaalattii si’aata akka ta’uuf qophii gahaa taasisuu ibsan.Eejjansii Geejibaa magaalichaa tola ooltota Poolisii tiraafikaa 80 ol ta’an leenjisuun gara hojiitti galchuu ibseera.Warqaafarraawu Yaalawu#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa