Manni marichaa Kamisa dhufu bakka Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaa’ii Idilee ni gaggeessa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata Kamisa dhufu Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa isaa ni gaggeessa.Yaa’ichi bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadi, Miseensonni Mana Marichaa fi keessummoonni kabajaa argamanitti ni gaggeeffama.Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kan kennan ta’uu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa mana marichaarraa argame ni mul’isa.Yaa’ichi Sadaasa 17, 2019 ganama sa’aatii 2:30 jalqabee kan gaggeeffamu yoo ta’u, ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa ni raggaasisaan eegama.Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, bakka bu’oonni dhaabbilee idil-addunyaa, abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, namoonni beekamoon, hooggantoonni paartilee morkattootaa fi keessummoonni kabajaa biroon saganticharratti ni argamu.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa