Itiyoophiyaan miseensa mana maree dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta’uun filatamuu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 18, 2019 (FMC) – Yaa’ii Idilee 43ffaa Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa Kaanaadaa Moontiriyaalitti gaggeeffameen Itiyoophiyaan sagalee olaanaan miseensa mana marichaa ta’uun filatamteetti.Itiyoophiyaan yaa’icharratti sagalee 133 argachuun miseensa dhaabbatichaa taate.Wayita teessoon Mana marichaa 36 irraa gara 40tti dabalu, teessoowwan haaraa dabalaman afran keessaa Itiyoophiyaan tokko argachuun adeemsa qophii imaammataa fi seera tumsa damee Aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti gahee murteessaa kallattiin akka qabaattu ni taasisa jedhe Waajjirri Ministira Muummee.Itiyoophiyaan miseensa mana marichaa ta’uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa’ina guddaadha.Kun bu’aa qabatamaa tattaaffii dipiloomaasii Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dhageettii fi dhiibbaa qabdu itti fufiinsaan guddisuuf taasisaa jirtuuf agarsiisudha.Itiyoophiyaan miseensa mana marichaa ta’uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa’ina guddaadha jedhe Gamtaa Afrikaas.Itiyoophiyaan ardii Afrikaa bakka bu’uun miseensa mana marichaa ta’uun akka filatamtu Komishiniin Siiviil Aviiyeshinii Afrikaa gumaacha taasiseera.Itiyoophiyaan bakka bu’ummaa kana milkaa’ina biyya tokkoo qofaatti osoo hin daangessin, faayidaa Afrikaa guutuu kabachiisuu fi eegsisuu akka itti gaafatamummaa ardii guutuutti fudhatteetti jedhe Waajjirichi.Yaa’ii hooggantoota BRICS 18ffaa magaalaa Niiwu Deelhii gaggeeffameen, ibsa waliinii isaa keewwata 105 irratti murtoo Gamtaa Afrikaa fudhachuun Itiyoophiyaaf deeggarsa guutuu qabaachuu isaa mirkaneessuun, taatee daangaa Afrikaa darbee bal’ina dippiloomaasii biyyattii agarsiisudha.Kunis Gamtaan Afrikaa bakka bu’ummaa ardii Afrikaa yeroo kennu, BRICS immoo dinagdeewwan guddachaa jiran biratti beekamtii siyaasaa bal’aa argamsiisuun, tokkummaan naannawaa fi tumsi Kibbaa-Kibbaa bu’a qabeessa ta’uun isaanii bu’uuraalee tumsa idil-addunyaa keessatti akkamitti wal deeggaranii bu’aa akka argamsiisan ifatti kan agarsiisudha jedhan.Yeroo murteessaa kana keessatti, teessoon Itiyoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Aviyeeshinii Siivilii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti argatte, biyyattii, lammiilee ishee fi Afrikaa guutuuf gama dippiloomaasii, dinagdee fi hojmaataan faayidaa gamhedduu qabaachuu ibse.Kunis dambiiwwan idil-addunyaa haaraan haqa qabeessa akka ta’aniifi daandiiwwan xiyyaaraa Afrikaa akkasumas gabaa aviyeeshinii guddachaa jiru baasii madaalawaa hin taaneen akka hin miidhamne ittisuuf carraa bal’aa uuma.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa