Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 5ffaan har’aa eegaluun taphatamu.Galgala sa’aatii 2:45 eegalee Booddoo Giliimti – LASK, Gaalaatasaaray ammoo Astoon Viilaa waliin taphatu.Bara dorgommii kana taphoota 3 injifachuun tokko qixa ba’uun imala gaariirra kan jiru Arsenaal halka sa’aatii 5:00 eegalee Borushiyaa Doortimand waliin morkata.Kilaboonni lamaan taphoota as dhiyeenya waliin taphatan 5 keessaa Arsenaal yeroo 3 yoo injifatu, Borushiyaa Doortimand si’a 2 injifateera.Taphoota biroon Maanchiister Siitiii – Naappoolii, Koomoon – AEK Athens, Feeyeenoordi – Poortoo, RB Leepziingi – Leensi, Riyaal Maadriid – PSV, akkasuma Isloovaan Biraatiislaavaa – Riyaal Beetis waliin taphatu.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa